Magaalaan Harar Miseensa Gamtaa Turizimii Idil Addunyaa “Silk Road” taate

Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) – Magaalaan Harar miseensa Gamtaa Turizimii Idil Addunyaa “Silk Road” ta’uun makamteetti.

Konfiransii Waggaa 2026 Dhaabbilee Imalaafi Turizimii Magaalota Gamtaa “Silk Road”, magaalaa Luyaangi, Chaayinaatti, gaggeeffame irratti, Magaalaan Harar miseensa gamtaa kanaa ta’uun ishee ibsameera.

miseensummaa kanaan Harar damee turizimii idil-addunyaa keessatti xiyyeeffannoo guddaa akka argattu, biyyoota addunyaa garaagaraarraa daawwattoota akka hawwattu, akkasumas hambaalee seenaa fi aadaa ishee bal’inaan akka beeksifattuuf carraa uuma.

Kana malees, magaalota gamtichaa biroo waliin hojjechuufi muuxannoo waljijjiiruuf carraa guddaa akka uumu ibsameera.

Magaalaan Harar kanaan dura Dhaabbata Magaalota Dhaala Addunyaa (OWHC) fi Federeeshinii Magaalota Turizimii Addunyaatti miseensa ta’uun ishee ni yaadatama.

Harar hambaalee seenaa fi aadaa qabatamaa fi kiliyaa Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) keessatti galmaa’an kan qabdu ta’uu odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Naannichaa ni mul’isa.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Comments (0)
Add Comment