Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2028 keessummeessuuf sanada gaaffii dhiyeessite Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF)’f galchite.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa, mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun, sanadoota barbaachisoo hunda hammate qopheessuun CAF’ f galchuu beeksiseera.
Haaluma kanaan, Itiyoophiyaan dorgommii kubbaa miilaa guddaa ardichaa yeroo 4ffaaf milkaa’inaan keessummeessuuf, akkasumas seenaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti qabdu deebitee haaromsuuf qophii ta’uu ishee mirkaneessite.