Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Itiyoophiyaanonni Seenaa fi milkaa’inoota hanga ammaatti galmaa’an lakkaa’uurra piroojektota badhaadhina biyyattii dhugoomsan biroof qophaa’uu akka qaban Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hubachiisan.
Piroojektiin Hidha Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa bakka hoggantoonni biyyootaa adda addaa fi dhaabbilee idil addunyaa argamanitti har’a eebbifameera.
Sirna kana irratti ergaa kan dabarsan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan amma hallayyicha ceetee Hidha Guddichaan Haaromsaa Injifannoo galmeessisuu ishee dubbatan.
Kanaafis jedhan, Itiyoophiyaanonni eebba hidha haaromsaatti fufuun Pirojeektota gurguddoo walfakkaatoo yeroo dhiyootti eegalamaniif akka tumsan hubachiisan.
Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Guddichaas isa tokko ta’uu kaasan.
Waggoota shanan dhufan keessa rakkoo mana jireenyaa lammiilee furuufis manneen jireenyaa miiliyoona tokkoo fi kuma 500 caalan akka ijaaraman eeraniiru.
Pirojeektonni kunniin qabeenya Doolaara biliyoona 30 ta’u akka gaafatanii fi kanaafis lammiileen akkuma barame akka tumsan dhaamaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin