Finfinnee, Mudde 13, 2018 (FMC) – Jaappaan wiirtuu madda anniisaa Niwukalarii addunyaarratti guddaadha jedhame waggoota 15 booda irra deebiin hojii eegalchiisuufi.
Jaappaan bara Faranjootaa 2011 kirkira lafaa hamaa mudate hordofee giddugaloota gabbisa anniisaa Niwuukilarii hedduu cufuun ishee ni yaadatama.
Boba’aa alaa galchitu hir’isuuf jecha giddugaloota kanneen irra deebiin hojiitti galchuuf hojjetaa jiraachuu ibsite.
Hanga ammaattis wiirtuuwwan 14 irra deebiin hojii eegaluutu ibsame.
Guyyaa har’aa giddugala gabbisa annisaa Niwukilaarii bulchiinsa Niigaataatti argamu maddi anniisaa Kaashiiwazaakii Kaariiwaa irra deebiin hojii akka eegalu manni maree bulchiinsichaa murtoo dabarseera.
Buufanni guddaan addunyaa kun Baatii Amajjii dhufu keessa hojii eegala jedhamuu ‘’Reuters’ gabaaseera.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.