Finfinnee, Fulbaana 1, 2019 (FMC) – Jaawoo Peediroon taphataa cimaa baatii Haggayyaa Piriimeer Ingilaandi jedhamuun filatame.
Jifataan Kilaba Cheelsii Jaawoo Peediroon ga’umsa taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbeewwan jalqabaarratti agarsiiseen taphataa cimaa baatii Hagayyaa jedhamuun filatameera.
Taphoota lamarratti galchiiwwan lama galchuun kubbaawwan galchii ta’an lama mijeessee kenneera.