Jarman IGAD’f deeggarsa Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 200 ol taasiste

Finfinnee, Adoolessa 10, 2017 (FMC)- Mootummaan Jarman Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD)  Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 200 ol deeggare.

Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon wayita kana akka jedhanitti, deeggarsichi hojii dhaabbatichi naannawaa kooriidariiwwan ijoo godaansaatti hojjetu cimsuuf oola.

Deeggarsi kun tajaajiloota bu’uuraa fi bu’uuraalee misoomaa babal’isuun godaantotaafi hawaasa godaantota simatan fayyadamoo taasisa.

IGAD bu’uura hammattoo hojiirra oolmaa fooyya’een adeemsa hojii bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an kallattiin kan to’atu ta’uu ibsuun, deeggarsa taasifameef mootummaa Jarman galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Comments (0)
Add Comment