Jiraattoonni Aanaalee Qarsaa fi Omoo Naddaa filannoo boruuf qophii xumuran  

Finfinnee, Caamsaa 23, 2018 (FMC) – Jiraattoonni Godina Jimmaa Aanaalee Qarsaa fi Omoo Naddaa filannoo boruuf qophii xumuraniiru.

Filannoo waligalaa 7ffaan Paartii biyya ijaaru filachuuf haala duree hunda xumurre jedhan jiraattoonni aanaa Omoo Naadaa.

Filannoo nagaa, haqa qabeessa fi dimokratawaa akka ta’uf ga’e kenyaas ni baana jechuun dubatan .

Galteewwan  filannoof barbaachisan buufatalee filannoo 91’f rabsamuu Qindeessan filannoo aanichaa obbo Ahamed Abba Tamaam ibsaniiru.

Jiraattoonni aanaa Qarsaas filannoo boruuf qophii hunda xumuruu eeran.

Akka Aanichaatti buufataleen filannoo 123 kan jiran yoo ta’u, meeshaaleen barbaachisan raabsamee xumurameera.

Na’imaa Shekalifaa fi Alidaan Mahammed

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment