Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Joo Baayidan dhibee Kaansarii Gogaa isaan mudateef yaala baqaqsanii yaaluu raawwatan.
Maanguddoon Umrii waggaa 82 Joo Baayidan Yaalli baqaqsanii yaaluu gaggeessaan milkiin xumuramuu dubbii himaan isaanii ibsaniiru.
Yaalichaan booda haala yeroo amma irraa jiran ilaalchisee odeeffannoo kennuurraa of qusachuutu himame.
Tibbana mataa isaanii gara mirgaarratti madaan mul’achuu CBS’n maddoota oduu garaagaraa wabeeffachuun gabaaseera.
Irra deddeebiin dhibee Kaansariif saaxilamaa kan jiran Joo Baayidan Caamsaa darbe keessa dhibichi gara Lafee isaanitti raabsamuu ibsamee ture.
Baayidan osoo Pireezidaantii Ameerikaa hin ta’in dura irra deddeebiin yaala dhibee Kaansarii Gogaa gochaa turaniiru.
Miikiyaas Ayyaleetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.