Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Leenjisaan duraanii Riyaal Maadriid Joozee Mooriinhoon ammas irra deebiin leenjisaa kilabichaa ta’ee muudamuuf waliigaleera.
Bara kana Beeniifiikaa leenjisaa kan ture, lammiin Poorchugaal Joozee Mooriinhoon mana isaa durii Saantiyaagoo Beernaaboowutti deebi’uuf waliigaleera.
Guyyoota itti aanaan keessa waliigaltee waggaa lamaa mallatteessuuf ta’uu ‘Sky Sport’ gabaaseera.
Joozee Mooriinhoon bara Faranjootaa 201 – 2013tti kilabicha leenjisuun waancaa Laaligaa tokko, Suuppar Kaappii Ispeenii fi Kooppaa Deel Reey milkeessuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia