Finfinnee, Adoolessa 22, 2018 (FMC) – Taphataan sarara gidduu lammii Ingiliiz Jordaan Handarsan kilabii Bireentifoordi irraa adda ba’eera.
Taphataan ganna 36 kun bara Faranjootaa 2025tti Ayaaksi Amisterdaam irraa kilabii Piriimiyeer Liigii, Bireentifoorditti makamuun isaa ni yaadatama.
Handarsan turtii waggaa dorgommii tokkoo booda waliigalteen Bireentifoordi irraa adda ba’uu isaa ‘The Athletic’ gabaaseera.
Taphataan kun foddaa jijjiirraa taphattootaa gannaa kanaan Cheelsiitti makamuuf waliigaltee irra kan gahe yoo ta’u, hanga bara Faranjootaa 2028tti waliigaltee isa tursiisu ni mallatteessa jedhamee eegama.