Kaariik leenjisaa dhaabbii Maanchiister Yuunaayitid ta’uun muudame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2018 (FMC) – Maanchiister Yuunaayitiid Mikaa’eel Kaariik leenjisaa olaanaa dhaabbii taasisuun muudera.

Kilabichi Mikaa’eel Kaariik hanga bara Faranjootaa 2028tti leenjisaa olaanaa dhaabbii taasisuun muuduu ‘Sky Sports’ gabaaseera.

Leenjisaan umrii waggaa 44 Mikaa’eel Kaariik leenjisaa yeroo ta’uun Maanchiister Yuunaayitiid tajaajilaa jiraachuun kan yaadatamuudha.

Taphoota liigichaa 15 dursuun kilabicha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara itti aanuuf dabarseera.

Leenjisaa cimaa jedhamuunis kaadhimameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment