Asab Itiyoophiyaaf qubsama teessuma lafaa, daangaa uumamaa fi afuura jiraachuu isheeti.
Haala uumama lafaa Itiyoophiyaa gadi fageenyaan yoo ilaallu, bishaan gaarreen Itiyoophiyaa irraa ka’uun gara qaama bishaanii idil-addunyaa qarqara galaanaa diimaatti kan makaman Asabirratti.
Lageen Itiyoophiyaa hedduun fuulli isaanii gara galaana diimaatti kan naannaa’aniidha.
Walitti hidhamiinsii uumamaa kun Asab guddina, badhaadhinaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf karra uumamaa ta’uu mirkaneessa.
Ragaaleen seenaa akka mul’isaniti Asabii fi Itiyoophiyaan adda bahuu kan hin dandeenye qaama tokko fuula lama ta’uu isaaniti.
Kana malees hariiroo, aadaa, xinsammuu, dhiignii fi seenaan ummanni naannoo Afaar Galaana Diimaa waliin qabu Asab Itiyoophiyaarraa adda baasuun uumama dhiibuu akka ta’e mirkaneessa.
Hawaasni idil addunyaas hariiroo uumamaa kana amanee fudhateera.
Waraana Addunyaa 2ffaa booda, Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, murtoo 390 (V)tiin Eertiraa Itiyoophiyaa waliin yeroo federeeshinii godhe, hojiiwwan dursa kennaniif keessaa inni guddaa fi jalqabaa gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan karaa Asab fi Mitsuwa deebii akka argatu gochuu ture.
Kunis haala teessumma lafaa, diinagdee fi hariiroo Itiyoophiyaan galaana waliin qabdu tilmaama keessa kan galche tarkaanfii haqa qabeessa ture.
Itiyoophiyaan Kiiloomeetira 65 Asab irraa fagaatti.
Dhiheenyi kunis galii fi al ergiif daran murteessaa fi baasii akkaan kan qusatu kennaa uumamaati.
Asab guddina diinagdee fi badhaadhina Itiyoophiyaaf karra uumamaa ta’uu haqa mul’isuudha.
Qorannooleen akka mul’isanitti daldalli alaa biyyoota ulaa galaanaa hin qabne % 33 – 43 hir’isuu danda’a.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa addunyaarratti biyya guddoo teessuma lafaa mijataa osoo qabduu karri itti cufame taatee jirti.
Yeroo ammaa Asabitti qofa fayyadamuu dhabuun ishee waggaan Doolaara biiliyoona 1.5 hanga 2, yookaa guyyaan Doolaa miiliyoona 3 ol kiraa buufataaleef baafti.
Asab karra uumamaa ishee ta’ee osoo tajaajilee qabeenyaaleen kunneen misooma, jireenya lammiilee fooyyessuu fi Indaastirii babal’isuuf oolu ture.
Asabii fi Itiyoophiyaan goonkuma adda bahuu kan hin dandeenye hariiroo aadaa, seenaa, uumamaa fi diinagdee waliin qabu.
Asab Itiyoophiyaaf fedhii siyaasaa yookaa qananii osoo hin taane bilisummaa diinagdee, daldala alaa guddisuu fi badhaadhina egeree isheef ijoodha.
Itiyoophiyaan fiixee badhaadhinaatti ol bahuuf karra uumamaa fi seeraan qabdu kanatti fayyadamtee addunyaa waliin daangaa tokko malee daldaluu danda’uu qabdi.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia