Keeniyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 2029 akka qopheessitu filatamte

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Biyyi Baha Afrikaa Keeniyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2029 akka qopheessituuf filatamteetti.

Keeniyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa akka qopheessituuf filatamuu ishee hordofee, Afrikaa keessaa biyya jalqabaa ta’uuf carraa argatteetti.

Magaalaan guddoon biyyattii Naayiroobiin, Istaadiyeemii “Kaasaraanii” namoota kuma 48 simachuu danda’utti shaampiyoonaa kana ni keessummeessiti.

Naayiroobiin Landanii fi Muuniik injifachuun Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2029 akka qopheessitu filatamteetti.

Muuniikis Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2031 akka qopheessituuf filatamteetti.

Atileetiin beekamaan Haayilee Gabrasillaasee, Naayiroobiin Shaampiyoonaa kana akka qopheessituuf filatamuu isheef, ummata Keeniyaatiif ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Abeel Niwaayiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment