Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) – Korporeeshiniin Konistraakshinii Oromiyaa (OCC), bara bajataa 2018 galii Birrii biiliyoona 17.5 ol argachuun karoora isaa keessaa %95 milkeessuu beeksise.
Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii bara baajataa 2018 fi mariin karoora hojii bara 2019 Korporeeshinichaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Hoogganaan Olaanaa Korporeeshinichaa Inj. Ashinaafii Dhaabaa akka jedhanitti, sirni dijitaalaa hojiiwwan karoorfaman milkeessuu keessatti hojiirra oole bu’aa qabatamaa argamsiiseera.
Keessumaa, ijaarsa daandii asfaaltii, pirojektoota bishaan dhugaatii, hidha jallisii, gamoowwan, istaadiyeemota, boolla bishaanii qotuu fi pirojektoota biroo irratti bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu ibsaniiru.
Korporeeshinichi bara bajataa 2018 galii Birrii biiliyoona 17.5 ol argachuun karoora isaa keessaa %95 milkeessuu danda’uus eeraniiru.
Raawwiin kun bara 2017 waliin yoo madaalamu, guddina %18 agarsiisuu kan himan hoggantichi, pirojektootaa fi maashinoota gurguddoo irratti teeknooloojii GPS hidhuun sirna to’annoo diriirsuun milkaa’ina kanaaf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Daayirektarri Karoora Tarsiimawaa fi Daldalaa Korporeeshinichaa Obbo Itiyoophiyaa Irranaa gama isaaniin, hojiiwwan bara kana qindoominaan hojjetaman keessatti pirojektoota waggoota dheeraaf harkifachaa turan xumuruun danda’amuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf, Hidhni Arjoo Dhidheessaa, Daandiin Asfaaltii Hoomichoo, pirojektoonni bishaan dhugaatii fi pirojektoonni ijaarsaa gurguddoon adda addaa xumuramuu eeraniiru.
Korporeeshinichi lammiilee kuma 51 ol ta’aniif carraa hojii uumuu ibsuun, bara dhufu karoora qabame galmaan ga’uuf kutannoo fi tumsa cimaan akka hojjetu hubachiisaniiru.
Hirmaattonni waltajjichaa tajaajila tola-ooltummaatiin sagantaa arjooma dhiigaa gaggeessuu isaaniis odeeffannoon Korporeeshinichaa ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia