Lammiileen ni mari’atu, Itiyoophiyaan ni fayyiti!

Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC) –Biyyi mana waloo tattaaffii cimaa lammiileen ijaaramtuudha.

Rakkoolee keessoo humnaan osoo hin taane marii, waldhaggeeffachuu fi waliigalteen furuun barbaachisaadha.

Itiyoophiyaan mana waloo lammiilee ishee hundaati.

Ciminnii fi guddinni ishee hojii fi hirmaannaa lammilee ishee irratti hundaa’a.

Marii fi wal hubannoon aadaa ta’uun nageenya fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuu danda’a.

Marii biyyaalessaa keessatti yaadawwan gara garaa karaa nagaa fi sababa irratti hundaa’een dhiyaachaa jiru; namoonni yaada wal faallaa qaban illee wal dhaggeeffachaa jiru.

Rakkoolee biyya keessaa adda baasuun fi furmaata irratti walii galuun “dhukkuboota” biyya mudatan furuuf daandii ta’a.

Hirmaannaan lammiilee dhimma biyyaalessaa irratti taasifamu, itti gaafatamummaa fi abbummaa biyya isaanii irratti qaban ni cimsaa.

Itiyoophiyaanonni mana waloo isaanii cimsachuuf waliigaltee hawaasummaa isaanii cichoomsuuf olaantummaa yaadaaf dursa kennuun mari’ataa jiru.

Itiyoophiyaanonni dhimma biyyaarratti karaa nagaan mari’achuu akka danda’an qabatamaan mul’ataa jira.

Itiyoophiyaan baachuu kan hin dandeenye walitti bu’iinsaa fi waldhabdee malee marii akka hin taane ijoolleen ishee ragaa bahaa jiru.

Mari’attoonni daangaa yaadaa hin qaban, waan onnee isaanii baasanii dubbatu.

Hundi Afaan danda’aniin yaada isaanii ibsachaa jiru.

Itiyoophiyaan marii ilmaan ishee taasisaniin rakkoolee (dhukkuboota) ishee ittiin fayyisuuf, yaa’iin kun hirmaachisummaa, waldhaggeeffachuu fi yaada sirrii irratti hundaa’uun adeemsa isaa itti fufeera.

Lammiileen dhimmoota ijoo abba biyyummaa murteessanirratti hirmaannaa taasisaa jiru.

Yaa’iin marii biyyaalessaa bakka lammiileen Itiyoophiyaa seerota, sirna hojii, caaseffamoota fi bu’uura yaadaa isaan waliin jiraatan itti haaromsan, akkasumas haaraa itti qopheessan waan ta’eef, Itiyoophiyaa ni fayyisa.

Waldhabdeen fi wal hubannoo dhabuun dhukkuba Itiyoophiyaa ta’eera; kan ishee fayyisu immoo lammiilee isheedha.

Marii dhugaa fi garaa qulqulluu lammiileen taasisaniin Itiyoophiyaan dhukkuba ishee irraa ni fayyatti.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment