Landanitti xiyyaarri xiqqaan kufee lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Adoolessa 7, 2017 (FMC) – Balaa xiyyaaraa Landan dhiyeenya buufata xiyyaaraa Sawuz Iinditti qaqqabeen lubbuun namoota 4 darbe.

Xiyyaarri xiqqaan “Biichikiraafti B200 Suuppar Kiingi” jedhamtu balali’uu eegaltee daqiiqaa muraasa booda kufuutu dhagahame.

Balichaan lubbuun namoota lammiilee alaa 4 darbuu Rooyitars gabaaseera.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuus eerameera.

Xiyyaarattiin namoota afur fe’uun gara Neezerlaanditti imalaa akka turte ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment