Finfinnee, Onkololeessa 30, 2018 (FMC) – Leenjiin hoggantoota Olaanoo Paartii Badhaadhinaaf magaalaa Finfinnee fi Adaamaatti kennamaa ture xumurame.
Leenjichi mata duree ‘Ilaallama mootummaa ida’amuu, guddina dameewwaniitiif’ jedhuun Onkololeessa 19 – 30, 2018tti dhimmoota adda addaarratti kennamaa ture.
Leenjichi har’a bakka Pireezidaantiin paartichaa Dooktar Abiy Ahimad argamanitti qajeelfama hojii kennuun xumuramuu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faarah ibsaniiru.
Hoggantoonni guutuu biyyattiirraa walitti babba’an kumni 2 ol leenjicha fudhachaa turuu eeran.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.