Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC)- Lolaa Sirnaan bulchuun nageenya lammiilee eegsiisuufi misoomaaf oolchuun barbaachiisaadha jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan.
Ministeerichi saaxilamummaa lolaa sululaa qiinxaamaa fi yaa’awwan Gibee fi Oomorratti qorannoon qophaa’e Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira .
Dooktar Haabtaamuun wayita kana akka jedhanitti, Awaash, Sulula Qiinxamaa fi yaa’awwan Oomoo fi Gibee dabalatee lolaawwan kutaalee biyyattii garaagaraatti waggaa dhihoo as dabalaa dhufuu eeraniiru.
Waggatti lammiileen miiliyoonni 1 fi kumni 500 ol balaa lolaan kan miidhaman ta’uu eeruun, kanaafis hojiin yeroo fi itti fufsiinsaan ittisuu Mootummaa,tumsitoota misoomaa fi dhaabbilee Idil addunyaan hojiin furmaata kennuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Deeggarsa maallaqaa Baankii Addyunyaarraa argameen yaa’awwan sadiirratti balaa lolaa itti fufinsaan ittisuuf qorannoon taasifamee hojitti galuuf boqonnaa qophiirra gahamuu ibsaniiru.
Bara 2017/18 yaa’awwan sadanitti balaan lolaa olaanaan mudachuu yaadachiisuun, kanaafis furmaata akka ta’uuf hojiin yeroo fi giddugaleessan Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 600’n ittisni lolaa kiiloomeetirri 256 jaaramuun lammiileen kumni 200 fi kumni 29 ol qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’uurraa baraaraamuu dubbataniiru.
Geetaachoo Mul’aatatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.