Maanchiister Yuunaayitiid vs Bireentifoordi …

Finfinnee, Ebla 19, 2018 (FMC)- Tapha Pirimeer Liigii Ingiliiz torbee 34ffaan Maanchiister Yuunaayitiid dirree isaa irratti Bireentifoordi ni keessumeessa.

Hirmaannaa Shaampiyoonsii liigii Awurooppaa argachuuf morkachaa kan jiru Maanchiister Yuunaayitiid liigichaan injifannoo isaa 2ffaa milkeeessuuf dirree seena jedhame.

Liigichaan yeroo shaniif qabxii qixaan kan xumure Bireentifoordi gamasaan gara injifannootti deebi’uuf kan morkatu ta’a.

Gareen lamaan taphoota as dhiheenya waliin taphatan shan keessaa lachuu yeroo lama lama yoo wal injifatan tokko immoo qabxii qooddataniiru.

Arseenaal Liigicha qabxii 73 ‘n yoo dursu, Maanchisteer Siitiin qabxii 70’n sadarkaa 2ffaa fi Maanchiister Yuunaayitiid immoo qabxii 58’n 3ffaarratti argama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment