Finfinnee, Ebla 25, 2018(FMC) – Tapha Piriimer Liigii Ingiliz torbee 35ffaan Maanchistar Yuunaayitid Liivarpuuliin galchii 3 fi 2’n injifateera.
Bu’aa kana hordofee bara dorgommii itti aanuutti Maanchistar Yuunaayitid Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti akka hirmaatu mirkaneeffateera.
Tapha dursee taphatameen Boornimaawuz Kiristaal Paalaasiin galchii 3 fi 0’n injifateera.
Sa’aatii 3:00 irraa eegalee ammoo Aston Viilaan dirree isaa Viilaa Paark irratti Tootanhaam Hootispar waliin taphata.
#Oromia #Ethiopia