Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Booleetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbeera.
Kutaa magaalichaa Aanaa 11tti naannawaa Mana Kiristaanaa Qiddist Kidaanee Mihiret jedhamutti balaa kanaan, namoota lubbuun isaanii darbeen dabalata miidhaan qaamaa cimaa fi salphaa qaqqabuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibseera.
Har’a ganama sa’aatii 1:50 irratti, konkolaataan minibaasii Kooyyee Fachee irraa gara Gooroo imalaa ture, naannawaa eerame kanatti Iskaavatarii hojii daandii irratti bobba’ee ture irraa meeshaan konkolaataa Minibaasiirratti kufuun imaltoota keessa turan keessaa namoonni 6 lubbuu isaanii darbeera.
Namoota lubbuu isaanii darbe malee imaltoonni biroo konkolaatichaa keessa turan miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa irra ga’e hordoffii fayyaa argachaa jiraachuun ibsameera.
Sababni balichaa qoratamaa jiraachuu poolisiin beeksiseera.