Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC)- Magaalaa Shagaritti Qonna Qamadii Boneen lafa heektaara Kuma 42 fi 600 ol misoomsuuf hojjetamaa jira.
Facaasaan qamadii bonee Magaalaa Shaggar kutaa magalaa Sabbataa Aanaa Meettaatti eegalame.
Kutaa Magaalichaatti facaasaa qamadii boneen Lafa heektaara kuma Afurii ol misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu kan himan bulchaan kutaa magaalaa Sabbataa obbo Ashannaafii Camadaati.
Akka Kutaa magaala Sabbataatti oomishaafi oomishtummaa dabaluun heektaara tokko irraa qamadiin kuntaalli 39 argamaa turuu yaadachiisuun bara kana callaan kuntaalli 41 ol akka argamuuf hojjetamaa jira jedhan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu, galma badhaadhinaa qabame milkeessuuf humna hojjetu, lafa bal’aa fi qabeenya qabnutti sirnaan fayyadamuun barbaachisaadha jedhan.
Magaalaa Shaggaritti qonna qamadii boneen lafa heektaara kuma 42 fi 600 ol Kilaastaran misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu kaasuun jiruufi jireenyi qonnaan bulaa jijjiiruuf deeggarsi barbaachisaan taasifamaa jiraachuu obbo Alamaayyoon dubbataniiru.
Qonna bifa aadaan ture gara makaanayizeeshiniitti jijjiiruun oomishaafi oomishtummaa dabaluuf galteewwan qonnaa yeroon dhiyaachaa jiraachuus akeekaniiru.
Dassaalany Abarraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.