Finfinnee, Onkololeessa 13, 2019 (FMC) – Boordiin Yuunivarsiitii Finfinnee Walga’ii guyyaa kaleessaa gaggeesseen hayyoota 10’f guddina sadarkaa Piroofeesarummaa guutuu mirkaneesseera.
Guddinni kennames gumaacha hayyoonni kunneen damee barnootaa fi tajaajila akkadaamii, qorannoo akkasumas tajaajila hawaasaa keessatti galmeessisan irratti kan hundaa’edha.
Haaluma kanaan:-
1. Dooktar Abrahaam Gabree Takkaallinyi – Piroofeesara Injinariingii Caasawaa,
2. Dooktar Adaanaa Bitaw Taganyi –Piroofeesara Maayikiroobaayooloojii Meedikaalaa,
3.Dooktar Adew Fallaqaa Dassitaa- Piroofeesara Maayikiroobaayooloojii Invaayiroomeentaalaa,
4. Dooktar Dassaalenyi Yaayehii Ayyaal – Piroofeesara Bulchiinsa Sodaa Balaa,
5. Dooktar Hayilayesuus Nugusee Dubbaalaa – Piroofeesar Ippidiimooloojii Veetarnarii,
6. Dooktar Kaasaa Mikaa’eel Waldayesuus – Pirooseera Bartoota Herreegaa,
7. Dooktar Salamoon Gannat Gabree – Piroofeesara Baayoo Keemistirii,
8. Dooktar Salamoon Ara’ayaa Kaasaa – Piroofeesara barnoota waliigalaa,
9. Dooktar Yaaragaal Assabee Laaqaa – Piroofeesara Hubannoo namtolchee,
10.Dooktar Yedilfaanaa Saxa’argee Makoonniin – Piroofeesara Keemistirii Fiizikaalaa akka ta’an mirkaneessera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa