Finfinnee, Adoolessa 23, 2018 (FMC)- Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaan Manni Maree Ce’umsa Diijitaalaa Biyyaalessaa hojiilee bara baajatichaa hojjetamanirratti marii gaggeesseera jedhan.
Obbo Tamasgeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Manni Marichaa hojiilee bara baajatichaa akka hojjetamaniif kaa’amanirratti gadi fageenyaan mari’achuun kallattii kaa’uu ibsan.
Manni Marichaa raawwii hojiilee ce’umsa diijitaalaa, adeemsa galmee Waraqaa Eenyummeessa diijitaalaa, akkasumas inisheetiivii Koodaroota Miiliyoona shanii gamaaggamuun cimanii akka itti fufan waliigalteerra gahameera jedhan.
Dabalataniis hojiilee diijitaalaa haaraa hojiirra oolaa jiran Tarsimoo Diijitaal Itiyoophiyaa waliin walsimuu isaarratti mari’achuu obbo Tamasgeen Xuruunaan kaasaniiru.
Ijaarsi diinagdee diijitaalaa akka guddatuuf Manni Marichaa tattaaffii eegale cimsee itti fufa jedhan.