Finfinnee,Waxabajjii 29, 2018 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa waggoottan shanan darban labsiiwwan ijaarsa nageenyaa fi diimokiraasiif murteessoo ta’an hedduu qorachuun raggaasiseera jedhan Af Yaa’iin Mana marichaa obbo Taaggasee Caafoon.
Obbo Taaggasee Caafoon hojiilee seera baasuu, bakka bu’iinsaa hojii, filannoo waliigalaa 7ffaa, to’annoo fi hordoffii, akkasuma Maree Biyyaaleessaa fi Dippiloomaasii waggoottan shanan darban keessa hojjetaman ilaalchisee Miseensota Koree Gorsitootaa fi Qindeessitootaa mana marichaa waliin mari’ataniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa waggoottan shanan darban keessa labsiiwwan ijaarsa nageenyaa, Misoomaa fi diimokiraasiif murteessoo ta’an hedduu qorachuun raggaasisuu ibsan.
Keessattuu biyyaattiitti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf kan hundaa’e Komishiniin Maree Biyyaalessaa hojiilee tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf abdii olaanaa ta’an raawwachuu kaasan.
Dhaqqabummaa mana marichaa babal’isuu fi hariiroo ummataa waliin qabu iftoominaa fi kallattiin taasisuuf kan hundeeffame teeleeviizyiiniin Paarlaamaa, hojii milkaa’aa hojjechuu himan.
Gaaffiilee bu’uuraalee misooma, nageenyaa fi sodaalee nageenyaa ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatu waliin hordoffiin cimaan taasifamaa jiraachuu kaasuun, dhaabbilee qaawwi raawwii hojii fi hanqinni ittigaafatamummaa mul’ate biratti itti gaafatamummaa mirkaneessuuf sirni ifa ta’e diriiruu ibsan.
Filannoon waliigalaa 7ffaan milka’inaan olaanaan akka xumuramuu fi bu’aa argameef qoodni mana marichaa olaanaa ture jedhan.
Manni marichaa ergama isaa bahachuufi faayidaa ummataa fi biyyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu Ittaantuun Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon ibsaniiru.
Itti dabaluunis, itti gaafatamummaa mirkaneessuuf, hojiin hordoffii fi to’annoo milkaa’inaan raawwatamuu kaasuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia