Manni marichaa wixinee baajata bara 2019 Birrii biiliyoona 25.4 ol ta’uun dhiyaate raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC) – Manni Maree Naannoo Beenishaanguul Gumuz wixinee baajata bara 2019’f Birrii biiliyoona 25.4 ol ta’uun dhiyaate qorachuun raggaasiseera.

Wixineen baajata waliigalaa Mootummaa naannichaa baajata bara 2019 birrii biiliyoona 25.4 ‎ta’uun kan dhiyaate yoo ta’u, manni marichaa wixinee dhiyaaterratti erga mari’ateen booda sagalee guutuun raggaasiseera.

Baajanni bara kanaan kan bara darbeerra % 30 guddina qabaachuutu ibsame.

‎Baajatichi galii naannichaa, deeggarsa mootummaa Federaalaa, galmoota misooma waaraa, deeggarsaa fi dameewwan biroorraa kan argamu ta’uutu ibsame.

‎‎‎Baajanni ragga‘e hojiilee misoomaafi tajaajilaaf kan oolu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment