Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Sulultaa dhaddacha dhagahaa halaalaa tajaajilaaf banaa taasise

Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC) –Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Sulultaa kenna tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf dhaddacha dhagahaa halaalaa (Viidiyoo konfiraansii) tajaajilaaf banaa taasiseera.

Shaggar magaalaa foyya’aa kan hawaasni kamiyyuu mana manatti tajaajila si’ataafi qulqulluu keessatti argatu ta’uu mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar obbo Kumalaa Buusaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin ibsaniiru.

Hawaasni dhamaatiifi baasii tokko malee tajaajila dhaqqabamaa akka argatu sadarkaa Aanaatti mala kenniinsa falmii elektiroonikaa (Viidiyoo Konfiraansii) tiin dhaqabamummaa tajaajila Abbaa Seerummaa mirkaneesinee jirra jedhan.

Bulchaan Kutaa Magaalaa Sulultaas obbo Kumaa Hundeen gama isaaniin, Shaggar Magaala xiiqii,dinagdee fi teeknoolojii waan taateef Qonnaan bulaan baasii geejjibaa fi qisaasama yeroo tokko malee naannoo isaatti mana murtii aadaa cinatti tajaajila abbaa Seerummaa akka argatuuf hojii eegallee jirra jedhan.

Tajaajilli teeknoolojii eegalame sirnaan akka lafa qabatu yeroo yeroon hordofii itti fufiinsa qabu kan taasisan ta’uu Pireezidantiin mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Sulultaa obbo Sanyii H/Mika’eel himaniiru.

Falmiin dhaddachaa karaa vidiyoo konfiraansiin guyyaa har’aa Aanaalee lamaan kutaa magaalichaa keessatti eegaluu Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Kutaa Magaalichaa obbo Tasfaa Fiqaaduun Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment