Mariin biyyaalessaa dirree biyyaalessaa naga qabeessaafi hammataa ta’eetti ce’uuf carraa seena qabeessadha.
Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu gadi fageenyaan yoo ilaalamu mariin odeeffannoo waljijjiiruurra darbee riqicha namooma walquunnamsiisudha.
Wayita Itiyoophiyaan boqonnaa seenaa haaraa sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamaa jiruufi adeemsa marii guddaa irratti argamtu kanatti maalummaa dhugaa marii hubachuun tokkummaafi nageenya waaraaf bu’uura.
Namoonni gara mariitti wayita dhufan yaada, cabiinsa, sodaafi abdii qaban gara waltajjii mariitti fiduurra darbee gaaffilee isaaniif deebii akka argataniif daandii saaqa.
Galmi waltajjii marii biyyaalessaa mo’ataafi mo’atamaa uumuu osoo hin taane abdiiwwan fi yaaddoowwan waloo irratti furmaata waloo barbaaduudha.
Marichi waldhaggeeffachuun dhukkubbiifi ilaalacha warreen kaanii akka kan ofiitti hubachuuf ulaa bana.
Mariin yaada ofii sagaleefi ilaalacha nama biroon ilaaluuf kan dandeessisu yoo ta’u, adeemsa biyyaalessaa keessattis burjaajjiiwwan seenaafi siyaasaa kan sirreeffaman mariin fi ilaalcha warreen kaanii kabajuudhaani.
Marii jechuun ifa dukkana keessatti daandii akeeku yoo ta’u furmaanni isaas waliigaltee waloo irratti kan hundaa’e ta’a.
Gaafachuun, mari’achuun fi ilaalchota biroorraa barachuun mallattoo dadhabinaa osoo hin taane mallattoo bilchinaafi ogummaadha.
Wayita Itiyoophiyaan marii biyyaalessaa gaggeessaa jirtu kanatti ogummaa marii kana hojiirra oolchuun, waldhaggeeffachuun, iftoominaafi amanamummaan gara waliigaltee biyyaalessaafi nageenya waaraatti ce’uuf daandii eegalteetti.
#Oromia #Ethiopia