Finfinnee, Adoolessa 30, 2018 (FMC) – Waltajjiin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhimmoota waloo irratti waliigaltee uumaa jira jedhan mari’attoonni.
Waltajjiin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee itti fufiinsaan gaggeeffamaa jira.
Lammiileen Itiyoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu’uun hirmaattonni kuma 4 ta’an ajandaalee ijoo saddeet irratti waliigaltee waloo uumuuf marii bal’aa fi hirmaachisaa ta’e gaggeessaa jiru.
Yaadawwan gareewwan tarsiimoo keessatti qophaa’an miseensota 500 kan of keessaa qabu garee hojii ajandaatti dhiyaataniiru.
Hirmaattonni yaadawwan gareewwan tarsiimoo lamaanii walitti qindeessuuf qindeessitoota yaadaa miseensota 30 qaban filataniiru.
Guyyoota itti aanu keessattis yaadawwan gareewwan tarsiimoo keessaa bahan qindeessitoota filatamaniin walitti qindaa’uun ni dhiyaatu.
Adeemsa waltajjii kana ilaalchisee hirmaattonni akka jedhanitti, mariin kun dhimmoota waloo irratti waliigaltee mul’isaa jira.
Akkasumas, hirmaattonni yaada walii isaanii dhaggeeffachuuf carraa kan uumu, waliigaltee waloo kan cimsu fi abdii kan dagaagsu ta’uu ibsaniiru.
Waltajjiin kun hammataa fi hirmaachisaa waan ta’eef wal dhabbii fi garaagarummaa duraan ture hiikuun gara tokkummaatti kan geessu ta’uu dubbataniiru.
Kunis badhaadhina Itiyoophiyaa kan fidu fi abdii kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Adeemsi marii kanaa dinqisiifamaa ta’uu himanii, lammiileen Itiyoophiyaa naannolee hunda irraa dhufan keessatti walitti qabamuu kaasaniiru.
Mariin kun Itiyoophiyaaf nageenya waaraa fi misooma itti fufiinsa qabu fiduuf gumaacha olaanaa akka qabus amantaa qaban ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia