Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Mariin Miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Itiyoophiyaa boqonnaa murteessarra gaheera jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Aadde Yaasimiin Wahabrabbiin.
Waltajjiin garee hojii Dhaabbata Daldala Addunyaa 8ffaan Siwiizarlaand magaalaa Jeneevaatti gaggeeffameera.
Jilli Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa fi Mariisiiftuu Olaanaatuu Miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Aadde Yaasimiin Wahabrabbiin durfamu waltajjicharratti hirmaachuun mariiwwan miseensummaaf qopheessan gaggeessera.
Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf mariin gaggeessaa jirtu boqonnaa murteessarra gahuu Aadde Yaasimiin Wahabrabbiin kaasaniiru.
Itiyoophiyaan Miseensummaan Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf imaammataa fi iftoomina cimsuu qofa osoo hin taane, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, daldala alaa fi invastimantii babal’isuun carraa hojii bal’aa uumuuf gumaacha akka taasisu ibsan.
Waltajjichaan cinaatti Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaa waliin carraa gabaa irratti mariin bu’a qabeessi taasifamuu himuu isaanii ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa ministeerichaarraa argame ni mul’isa.
Hanga ammaatti biyyoota gaaffii marii waloo dhiyeessan 17 keessaa11 waliin waliigalteen mallattaa’uu isaa ibsaniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa