Itiyoophiyaan COP 32’f qophii cimaa geggeessaa jirti – Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Onkoloolessa 30, 2019 (FMC) – Paaviliyooniin Itiyoophiyaan qopheessite bal’inaan addunyaatti ishee beeksisuu fi qophii COP32 bal’inaan mul’isuuf gumaacha olaanaa qabaachuu Ministirri Maallaqaa Dooktar Fitsum Asaffaa ibsan.

Itiyoophiyaan waltajjii COP31 Turkiyyee Antaaliyaatti  gaggeeffamaa jiru irratti paaviliyoonii mataa ishee banuun of beeksisaa jirti.

Ministirri Maallaqaa Dooktar Fitsum Asaffaa ergaa wayita kana dabarsaniin , Itiyoophiyaan biyya addunyaan itti amanuu fi COP32 qopheessuuf qophii cimaa taasisaa jirtu ta’uu ibsaniiru.

Paaviliyooniin kun Itiyoophiyaan biyya addunyaa mariisisuu dandeessu, qophii barbaachisaa qabduu fi dhimma jijjiirama qilleensaa sirriitti hubatte ta’uu waltajjii agarsiisu akka ta’e dubbataniiru.

Waltajjii kanarratti  marii ajandaalee COP32 bu’a qabeessa taasisuuf, amma irraa eegalee ibsa waliigalaa (declaration) keessatti afaan fayyadamu sirreessuu dabalatee hojiiwwan garaagaraa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waltajjiin kun Itiyoophiyaa ittiin beeksisnuu fi qophii keessummeessummaa COP32f jiru kan ittiin agarsiifamu ta’uu eeranii, paaviliyoonii kana keessatti sagantaalee garaagaraa 60 ta’an qopheessuuf karoorfameera jedhan.

Waltajjiin kun hariiroon michoomaa kan ittiin uumamu, invastimantiin ittiin hawwatamu fi hojiiwwan kanaaf deeggarsa maallaqaa argachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

kan a malees, walitti dhufeenya michoomaa uumuu, waliigaltee fi tumsa cimsuu, akkasumas gumaacha Itiyoophiyaan seenaa qaroominaa, oomishaa fi qabeenya albuudaa irratti addunyaaf taasiste agarsiisuuf carraa guddaa ta’uu dubbataniiru.

Qophii COP32 qofa osoo hin taane, haala kanaan alattis namoonni Itiyoophiyaa arguu akka fedhan, akkasumas gara biyyattiitti imaluuf akka yaadaniif hojii bal’aan akka hojjetamu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaatiif saaxilamtuu taatus ragaalee amanamoo tarkaanfiiwwan jijjiirama qilleensaa ittisuuf gargaaran hojiirra oolchaa jiraachuu ishee mirkaneessan qabaachuus hubachiisaniiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment