Mariisistoonni qooda isaanii haalaan bahachaa jiru- Piroofeesar Masfin Ar’aayaa

Finfinnee, Adoolessa 29, 2018(FMC)- Mariisistoonni keenya qooda isaanii haalaan bahachaa jiru jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.

Piroofeesar Masfin Ar’aayaan adeemsa yaa’ii marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kennaniin, garee tarsiimawaa irratti yaada qulqulleessaa adeemuu irratti tattaaffiin taasifameera jedhan.

Garee tokko tokko irratti yaadonni saffisaan adeemuu kaasanii, gareewwan muraasa irratti garuu gadi fageenyaan qulqulleessaa deemuuf yaaluun akka jiru eeraniiru.

Mariin garee miseensota 500 guyyaa boruu eegaluu akka danda’us ibsaniiru.

Adeemsa marii garee tarsiimawaa irratti haalonni yaadota furmaataa irratti waliigaluurra akka gahame mul’isan jiraachuus kaasaniiru.

Mariisistoonni qooda isaanii haalaan bahachaa akka jiran ibsanii, darbe darbee mariisistootas ta’e anaan dabalatee galteen mari’attootaaf kenninu kallattii sirrii argisiisuu malee ejjennoo keenya akka qabatan gochuun gonkumaa nuuf hin eeyyamamu jechuun hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment