Michummaan Itiyoophiyaa fi Jibuutii nagaaf tasgabbii naannawichaaf bu’uura akka ta’u nan hawwa – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 1, 2018 (FMC)- Michummaan Itiyoophiyaa fi Jibuutii nagaaf tasgabbii naannawichaaf bu’uura akka ta’u nan hawwa jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Sirna kakuu galuu Pireezidaantii Jibuutii Ismaa’el Omaar Gillee irratti argamaniiru.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Tajaajilli Pireezidaantichi biyya isaaniif kennan guddina hundagaleessa akka itti fufsiisuuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

‎Michummaa fi tumsi tarsiimawaan Itiyoophiyaa fi Jibuutii yeroo dheeraaf ture badhaadhina waliinii ummatootaa, nageenyaafi tasgabbii naannawaa cimsuuf bu’uura ta’ee akka tajaajiluun hawwa jechuun ibsan.

#Oromia #Ethiopa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment