Finfinnee, Caamsaa 21, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 34ffaa har’a taphatameen Midira Gannat Shireen Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin qabxii qoodate.
Taphni har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti taphatame kun galchii 1 qixa xumurameera.
Taphni waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Istaadiyeemii Finfinneetti Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa fi Itiyoo Elektirikii gidduutti taphatamuu jalqabee ture rooba cimaa roobuu hordofee daqiiqaa 34ffaarratti adda citeera.
Taphni kun boru ganama sa’aatii 3:30 jalqabee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti akka taphatamu Waldaan Aksiyoonaa Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa ibseera.
Akkasuma taphni sa’aatii 10:00 jalqabee Walaayittaa Diichaa fi Nageellee Arsii gidduutti taphatamuuf ture, Caamsaa 27, 2018 Istaadiyeemii Finfinneetti akka taphatamu murteesseera.
Dabalataan taphoonni guyyaa boruu Istaadiyeemii Finfinneetti akka taphatan sagantaan bahee ture, sa’aatii jedhamanitti Istaadiyeemii Ababba Biqilaatti kan taphatan ta’a jedhame.
#Oromia #Ethiopia