Finfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC) – Dameen qonnaa bu’uura dinagdee fi jireenya uummata Itiyoophiyaa keessaa isa ijoodha.
Imalli Itiyoophiyaan nyaatan of danda’uu fi birmadummaa nyaataa ishee mirkaneessuuf taasiftu damee qonnaan qabatamaan mul’achuu eegaleera.
Oomisha midhaan guddisuu, qonna ammayyeessuu, jallisii babal’isuu, sanyii filatamaa fayyadamuu, horsiisa beeyladaa cimsuu fi gabaa qonnaa fooyyeessuu irratti bu’aawwan mul’atan galmaa’aniiru.
Keessattuu misooma qamadii jallisii Bonee, Qonna Kilaasteraa fi oomishtummaa guddisuun bu’aaleen argaman boqonnaa seenaa bananiiru.
Waggoota darban keessaa tarkaanfiin Mootummaan fooyyessa diinagdee mandhaleerratti taasise diinagdee biyyattii bu’uura cimaarraa kaa’uun dandeettii hundgaleessa uumeera.
Fooyyessi diinagdee mandhalee kunis diinagdeen biyyattii dameewwan hedduun guddina qabatamaa akka galmeessu taasiseera.
Addatti ammoo dameen Qonnaa, Turizimii, Indaastirii, Tajaajilaa fi Albuudaa utubaa cimaa akka ta’an taasiseera.
Waggoota dheeraaf utubaa ijoo diinagdee Itiyoophiyaa ta’ee kan ture dameen qonnaa adeemsi harkaa gara afaanii ture, yoo jijjiiramee fi ammayyaa’e malee, biyyattii hiyyummaa fi hirkattummaa nyaataa keessaa baasuun hin danda’amu.
Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun kabajaa fi bilisummaa biyyaa eegsisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yeroo adda addaatti dubbachaa turan.
Mul’ata kana hojii qabatamaatti jijjiiruuf waggoota darban keessa damee qonnaa ammayyeessuuf hojii bal’aan hojjetameera.
Kanaanis jijjiiramni qabatamaan argameera.
Keessattuu milkaa’inni misooma Qamadiin argame waadaa gochaan kan mirkaneessedha.
Waggoota shanii fi jahaa dura oomishni Qamadii kuntaalaa miiliyoona 50 – 54 ture.kunis fedhii biyya keessaa illee guutuu kan hin dandeenye ture.
Fedhiin biyyaalessaa Kuntaala miiliyoona 65 yookaa meetirik toonii miiliyoona 6.5 ta’us oomishni biyya keessaa kuntaala miiliyoona 54 yookaa Meetirik Toonii miiliyoona 5.4 kan hin caalle ta’uu ragaaleen ni mul’isu.
Hanqina kan guutuuf qamadii kuntaala miiliyoona 14 – 15 alaa galchuun dirqama ture.
Kanaafis Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 ol baasii gochaa turte.
Har’a hojii bal’aan misooma Qamadii jallisii bonee fi qonna gannaarratti hojjetame seenaa kana guutummaatti jijjiiruu danda’eera.
Amma oomishni waggaa Kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 30 (Meetirik Toonii miiliyoona 33) kan gahe yoo ta’u, fedhiin biyya keessaa kuntaala miiliyoona 80- 85 ta’a.
Kunis yeroo ammaa Itiyoophiyaan misooma Qamadiin Afrikaarraa adda duree ta’uu ishee mul’isa.
Bara 2017 keessa qamadii alaa galu guutummaatti hambisuun Baasii Doolaara biiliyoona 1 ol oolchiteetti.
Fedhii ishee guutuun gabaa alaaf dhiyeessuu eegalte.
Pireezidaantiin duraanii Baankii Misoomaa Afrikaa Dooktar Akiinwumii Adeensiin ifatti akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti fedhii oomisha Qamadii mataa ishee guutuun gabaa alaaf dhiyeessuu eegaluun biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya guddaadha.
Wabii midhaan nyaataan of danda’uun bilisummaa siyaasaaf bu’uura guddaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waltajjiiwwan garaagaraarratti dubbataa turan.
Biyyi midhaan nyaataan of hin dandeenye dhiibbaa alaa dandamachuu hin dandeessu jechuun ibsan.
Muuxannoon misooma qamadiin argame yeroo ammaa gara oomishaalee qonnaa biroo kanneen akka ruuzii, kuduraa fi fuduraa, midhaan zayitaa, akkasumas misooma qabeenya beeyladaatti ce’eera.
Bu’uuraalee misooma jallisii babal’isuun, itti fayyadama mekaanaayizeeshinii qonnaa guddisuun, akkasumas qonnaan bultootaa dandeettii oomishaa xiqqaa qaban gara oomishtummaatti ceesisuun kallattii xiyyeeffannoo yeroo itti aanuti.
Mootummaan fooyyessii diinagdee mandhalee gaggeesseen, utubaalee diinagdee shanan keessaa, addatti damee qonnaa ammayyeessuun waadaa gochaa qabatamaan mul’iseera.
Dameen qonnaa Itiyoophiyaa oomisha dabalu qofa irratti kan hundaa’e miti. Qonnaa cimsuun guddina dinagdee birmadummaa nyaataa fi jireenya lammiileerratti jijjiirama olaanaa fiduudha.
Kunis caalmaatti cimee itti fufa.
Taarikuu Laggasaatiin
#Oromia #Ethiopia