Milkaa’inni Itiyoophiyaan oomisha qamadii irratti galmeessiste biyyoota Afrikaaf fakkeenya

Finfinnee, Fulbaana 11, 2019(FMC)- Bu’aa Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti oomisha qamadii irratti galmeessiste biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’uun ibsameera.
 
Korri qorannoo Afrikaatti ce’umsa misooma qamadii saffisiisuufi teeknooloojiiwwan babal’isuu irratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
 
Kora kanarratti bu’aa Itiyoophiyaan oomisha qamadii irratti argamsiifte dinqisiifannaa kan argate yoo ta’u, milkaa’inni ishee kunis biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uun eerameera.
 
Sagantichi walta’iinsa Giddugala Qorannoo Qonnaa Iddoowwan Gogiinsa Qaban Idil-addunyaa, Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaa, Ce’umsa Teeknooloojiiwwan Qonnaa Afrikaafi Baankii Misoomaa Afrikaan qophaa’e.
 
Waltajjicharratti qaamoleen imaammata baasan, qorattoonnii fi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon argamaniiru.
 
Yeroo ammaa kanas haala oomishaafi oomishtummaa qamadii guddisuun danda’amu fi adeemsa itti fayyadamaa galtee irratti mariin taasifamaa jira.
 
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment