Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Hojjettoota mootummaa Naannoo Tigraayiif mindaan Sadaasa 2 bara 2019 irraa eegalee kaffalamuu akka jalqabu, Itti Gaafatamaan Biiroo Tajaajila Hawaasaa fi Misooma Humna Namaa Bulchiinsa Imaanaa Naannoo Tigraay, Attaakiltii Hayilasillaasee himan.
Obbo Attaakiltiin ibsa kennaniin, mindaan hojjettoota mootummaa akka kaffalamuuf tattaaffii taasifameen bu’aan argamuu eeruun, kaffaltiin mindaa bor irraa eegalee akka raawwatamu hubachiisniiru.
Naannichatti hojjettoonni mootummaa kuma 100 fi kuma 40 ol akka jiranis ibsanii, hojjettoota kanneen keessaa kan qaamaan gabaasa godhaniif mindaan isaanii kaffalamuu akka jalqabu dubbataniiru.
Bulchiinsi Imaanaa Naannichaa iddoowwan baay’ee qaqqabuun dhaabbilee mootummaa fi tajaajiloota addaan citanii turan gara hojii isaanii duraaniitti deebisuuf hojjechaa akka jiru kaasaniiru.
Naannichatti miidhaa waggoota darban dameewwan garaagaraa irra ga’een tajaajiloonni addaan citanii turan deebisanii hojii jalqabsiisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti hojjettoonni dhaabbilee mootummaa gara iddoowwan hojii isaaniitti deebi’uun tajaajila kennaa akka jiranis ibsaniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase