Finfinnee, Adoolessa 29, 2018(FMC)- Misoomni Afrikaa qulqullina irratti kan hundaa’e akka ta’uuf sirni safartuu murteessaadha jedhan Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofee.
Yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Sirna Safartuu Afrikaa(AFRIMETS) 19ffaan mata duree “ Sirna madaallii ce’umsa diijitaalaaf; safartuuwwan amanamoo carraa egeree Afrikaaf” jedhuun bakka bu’oonni biyyootaafi dhaabbilee garaagaraa bakka argamanitti Qe’ee Qulqullinaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Kaasaahun Gofee wayita kana Misoomni Afrikaa qulqullina irratti kan hundaa’e akka ta’uuf sirni safartuu murteessaadha jedhaniiru.
Afrikaan gabaa idil-addunyaa irratti dorgomtuu akka taatuuf walitti hidhamiinsi misooma waloofi qulqullina irratti hundaa’e akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Fayyadamummaa biyyootaa mirkaneessuuf dhaabbilee ciccimoofi ogeeyyii gahumsa qaban horachuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Dura Taa’aan Dhaabbata Sirna Safartuu Afrikaa Dooktar Heenrii Rootiich gamasaaniin, wayita tajaajiloonni hundi gara diijitaalaatti ce’an kanatti sirna safartuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun barbaachisaadha jedhan.
Qe’een Qulqullinaa Itiyoophiyaa bu’uuraalee misoomaa qofa osoo hin taane galma misoomaa biyyattii kan akeeku ta’uus ibsaniiru.
Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Sirna Safartuu Itiyoophiyaa Dooktar Mulugeetaa Darriboo ammoo Itiyoophiyaatti tajaajila damichaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia