Misoomni magaalaa kabaja jireenyaa jiraattotaa eeguun raawwatamuu qaba — Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) — Misoomni magaalaa jiraattonni jireenya fooyya’aa fi mijataa akka jiraataniif karaa kabaja jireenyaa isaanii eegeen t raawwatamuu qaba jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech Abeebee, manneen jireenyaa Kutaa Magaalaa “Qixal Taraa” deebisanii misoomsuun ijaaraman guyyaa har’aa jiraattotaaf dabarsanii kennaniiru.

Jiraattonni balfa, dhoqqee, daandiiwwan dhiphoo fi haala jireenyaa madaalawaa hin taane keessa jiraachuun misooma magaalaa ta’uu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Qixal Taraan kanaan dura hiyyummaa fi jireenya dhiphaan beekamaa ture, amma garuu gara bakka jireenyaa mijataa, bareedaa fi magariisaatti jijjiiramuu Kantiibaan Adaanech Abeebee ibsaniiru.

Haaluma kanaan, Qixal Taraan maqaa isaa qofa osoo hin taane, bifa naannichaa jijjiiruun “Ganda Gaarummaa Markatoo” jedhamee waamamuu akka jalqabe eeraniiru.

Misoomni magaalaa kabaja jireenyaa jiraattotaa eeguun raawwatamuu akka qabu Kantiibaan Adaanech Abeebee cimsanii dubbataniiru.

Hojiin deebisanii misoomsuu lafa iskuweer meetirii kuma 10 irratti raawwatame kun, gamoowwan darbii 8 qaban 9 fi manneen jireenyaa 500 ol kan hammate yoo ta’u, lammiilee kuma 20 ol fayyadamaa akka taasisu ibsameera.

Manneen jireenyaa kunneen dukkaanota daldalaa, dirree ispoortii fi tajaajiloota fedhii jiraattotaa guutan biroo waliin akka ijaaramaniis ibsaniiru.

Rakkoo irra deddeebi’anii dubbachuu irra furmaata uumuun jireenya jiraattotaa jijjiiruun xiyyeeffannoo ijoo misooma magaalaa ta’uu qabajechiinis hubachiisan.

Gizaachoo Girmaayeen

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment