Finfinnee, Hagayya 15, 2018 (FMC) — Dura Taa’aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa Mohaammad Ali Yuusuf, Pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa fi Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Oluseegun Obaasanjoo waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin dhimmoota naannawaa fi ardichaa ilaalchisee marii fi yaada waljijjiiruu isaanii odeeffannoon Komishinii Gamtaa Afrikaa irraa argame ni mul’isa.
Dura Taa’aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa Mohaammad Ali Yuusuf wayita kanatti, Oluseegun Obaasanjoon naannawicha keessatti nageenyaa fi tasgabbiin akka mirkanaa’uuf tattaaffii gochaa jiran dinqisiifataniiru.
#Oromia #Ethiopia