Finfinnee, Fulbaana 29, 2019 (FMC) – Mootummaan Ida’amuu Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa seenaa dheeraa qabu caalmaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjeteera.
Humna namaa Teeknooloojiitti beekumsaan fayyadamu, yeroo sirriitti murtoo sirrii murteessuu fi imaanaa biyyaa itti gaafatamummaan cimaan bahatu ijaareera.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hundeeffama isaa irraa eegalee waggoota 90f birmaddummaa fi tokkummaa daangaa biyyattii kabachiisuurratti gahee seena qabeessa bahaa tureera; ammas itti fufeera.
Mallattoon Gootummaa Yaaddessaan diinaa Humni Qilleensa Itiyoophiyaa yeroo gara garaatti qormaata walxaxaa isa mudate ciminaan darbuun gaachana Itiyoophiyaa samii irraa ta’ee itti fufeera.
Dhaabbanni kun birmaddummaa biyyattii kabachiisuu qofa osoo hin taane, Afrikaa guutuuf fakkeenya ciminaafi kabajaa ta’ee tajaajilaa jira.
Waggoota dhiyoo asitti hojiiwwan fooyya’iinsaa fi deebisanii ijaaruu bal’inaan gaggeeffamaniin, dhaabbatichi humna namaa dandeettii teeknooloojii olaanaa gonfatan horachuu danda’eera.
Xiyyaarota waraanaa sadarkaa olaanaa, sirnoota raadaarii fi ittisa qilleensaa ammayyaa, xiyyaarota nama maleessa, akkasumas waltajjiiwwan leenjii teeknooloojii dijitaalaan deeggaraman walitti makuun, gara dandeettii teeknooloojii meeshaalee waraanaa dhaloota afraffaatti ce’eera.
Hanga bara 2030tti sadarkaa teeknooloojii meeshaalee waraanaa dhaloota shanaffaatti ce’uuf kutannoon hojjechaa jira.
Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa dandeettii haleellaa ittisuu fi nageenya kabachiisuu cimsuu ta’us, diinni kamiyyuu birmaddummaa biyyattii tuqu yoo jiraate, dirqama Heera Mootummaan itti kenname ga’umsaan ba’uuf yeroo hunda guutummaatti qophaa’ee jira.
Mootummoonni dhufaa darbaan guddina dhaabbatichaa keessatti gahee mataa isaanii bahatanus, jijjiramaa asi Riifoormii Raayyaa Ittisaa Mootummaa Ida’amuun hogganamuun hojiileen humna qilleensichaa bu’uura cimaa qabsiisaan hojjetamaniiru.
Ga’umsa dhaabbatichaa sadarkaa olaanaan guddisuuf leenjiin yeroo fi sadarkaa isaa eeggate kennamaa kan jiru yoo ta’u, xiyyaarotaa fi meeshaalee adda addaa hojii isaa ga’umsaan raawwachuuf dandeessisanis hidhateera.
Leenjii balaliiftootaa, injinarootaa, teeknishaanotaa fi ogeeyyii damee qilleensaa biroo irratti xiyyeeffannoo kennee hojjeteera.
Kanaanis Humna Qilleensaa akkaan gurmaa’e fi Afrikaaf fakkeenya ta’e ijaaruun danda’ameera.
Humna Namaa ga’umsa ogummaa waraanaa, namuusaa fi duudhaalee tokkummaa biyyaalessaa qaban ijaaruun dhaabbatichi nageenyaa fi birmadummaa biyyaaf gaachana ta’eera.
Yeroo ammaa Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa meeshaalee waraanaa fi xiyyaarota waraanaa gosa adda addaa hidhachuun sadarkaa daran amansiisaa ta’erratti argama.
Sirna hojii anaaloogii irraa gara tekinooloojii dijitaalaatti guutummaatti ce’uun, xiyyaarota waraanaa dhaloota afraffaa kanneen akka Su-30 fi J-10, xiyyaarota ammayyaa nama maleessaa fi sirnoota raadaaraa ga’umsaan walitti qindeessuun, dandeettii Itiyoophiyaan balaa nageenyaa kamirraayyuu eeguuf qabdu olaantummaan guddisuu danda’eera.
Kanaanis, Itiyoophiyaan naannawichatti olaantummaa tarsiimawaa fi wabii nageenyaa ta’uu ishee ifatti labsuun diinaaf yaaddoo, lammiileef ammo abdii, biyyaafis gaachana birmddummaa ta’eera.
Qoccolloo diinaa sadarkaa olaanaan biyyarraa qolachuun, birmadummaa daangaa biyyattii yeroo kamuu caalaa kabajchisuuf abdii fi imaanaa guddaan itti kennameera.
Siifan Magarsaatiin
#MootummaaIda’amuu