Mootummaan Aadaa hojii jijjiiruufi ce’umsa dinagdee dhugoomsuuf hojjechaa jira – Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan

Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Aadaa hojii jijjiiruufi ce’umsa dinagdee dhugoomsuuf hojjechaa jira jedhan Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan.

Dorgommiifi agarsiisni kalaqaa teekinooloojii kolleejjiiwwan Pooliitekinikaa Kutaalee Magaalaa Shaggariifi Magaalota kilaastera Shaggar hirmaachise Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Galaanitti gaggeeffamuu eegaleera.

Sagantichi ‘Misoomni dhaweessummaa ce’umsa dinagdeef; Kalaqni tekinooloojii Badhaadhina biyyaaf!’ jedhuun gaggeeffama.

Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan dabalatee hooggantootni olaanoo Magaalaa Shaggar argamaniiru.

Af-yaa’ii caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan,
Tarkaanfiifi xiyyeeffannoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa Barnoota, teeknooloojiifi dinagdee cimsuuf hojjechaa jiru milkeessuuf muuxannoo waliif qooduun Aadaa hojii jijjiiruufi ce’umsa dinagdee dhugoomsuuf hojjetamuu akka qabu ibsan Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Bu’aawwan kalaqaatiin Oomishtummaa dabaluun meeshaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun guddina biyyaa saffisiisuuf hojiiwwan eegalaman ciminaan itti fufuu akka qabus himan.

Tarsiimoon magaalomsuu carraawwan hojii uumuun ijaarsa dinagdee dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himuun, kanaafis Ogummaa dagaagsuu akkasumas Aadaawwan hojii jijjiiruun galmoota qabaman milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qabas jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa gama isaaniin, Shaggar Magaalaa dinagdee yaadamaafi adeemsa haaraan ijaaramte ta’uu eeruun, waggoottan sadan darbanittis dinagdee Magaalichaa ceesisuuf Ogummaa, teeknooloojiifi carraawwan hojii dagaagsuu irratti xiyyeeffachuun hojii hojjetameen Magaalicha giddu-gala dinagdee taasisuun danda’amuu ibsan.

Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaas, Biirichi carraawwan hojii baay’inaan uumuun cinatti hojiiwwan misooma teeknooloojiiwwan kalaqaa cimsuun ce’umsa Ogummaafi Indaastirii rakkoo furuu danda’an milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbachuu isaanii Waajjirri Kominikeeshinii Magaalaa Shaggar Faanaa Diijitaalitti himeera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment