Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) – Mootummaan hannaa fi seer-maleessummaa ittisuuf tarkaanfii cimaa fudhataa jira jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilichi ibsa baaseen, fooyya’iinsa dinagdee gooroo bal’aa Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jiru gufachiisuuf warra socho’aniifi qabeenya biyyaa saamuu irratti qaamolee hirmaatan irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhataa jiraachuu beeksiseera.
Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasee har’a ibsa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, Itiyoophiyaatti waggoota darban keessa guddinaa fi misooma ariifachiisaa mirkaneessuuf hojiileen hedduun kan hojjetaman yoo ta’u, kanaanis bu’aawwan biyyaalessaa bal’aafi dinqisiisoon galmeeffamuu ibsaniiru.
Adeemsi kun garuu miijataa akka hinturre ibsaniiru.
Gufuuwwan biyyaalessaa fi addunyaa adda addaa biratti, seeraan- alummaan fi gochaaleen malaammaltummaa gufuu guguddoo ta’uu isanaanii turuusaanii eeraniru.
Rakkoon seeraan-alummaa gama tokkoon qofa kan raawwatamu osoo hin taane, qaamolee hawaasaa hedduu kan hammatu ta’uu ibsuun, qaamoleen keessaafi ala jiran hedduun karaa gurmaa’een socho’aa turuu kaasaniiru. Akka ibsa kanaatti, dhabbilee daldalaa, dhaabbilee misoomaa, caasaa mootummaa, namoota dhuunfaa fi tajaajilamtoota dabalatee karaa gurmaa’een bal’inaan kan mul’atudha.
“Qaamoleen kunneen fooyya’iinsa dinagdee man-dhalee to’annoodhaan ala gochuuf caasaa faayinaansii fi daldalaa keessa seenuun shira dinagdee olaanaa raawwachaa turaniiru” kan jedhan Innaataalam Mallaseen, gochi kun biyyattiin sharafa alaa akka dhabdu, qaala’iinsi gatiifi kontrobaandiin akka hammaatu, akkasumas dhiyeessii meeshaalee irratti hir’inni nam-tolchee akka uumamu taasisuu isaa yaadachiisaniiru.
Shirri gurmaa’aa kun akka dhaabbatuuf mootummaa fi qaamoleen seeraa dhimmi ilaallatu oppireshinii bal’aa taasisaniin shira sana fashaleessuu danda’uu ibsaniiru.
Gama biraatin, tajaajila mootummaa fi qaamoleen bulchiinsaa akkasumas hattuwwan dhaabbilee ummataa keessatti dhokatan qulqulleessuu irratti mootummaan tarkaanfii kutannoo fudhataa jiraachuu ibsaniiru.
Geggeessitootaa fi qooda fudhattoota biroo, akkasumas dhaabbilee qabeenya ummataa irratti saamicha olaanaa raawwatanii fi shira hojjetan irratti tarkaanfiin irra deebii hin qabne fudhatamuus ibsaniiru.
Keessattuu sekteroota ijoo dhimmi ilaallatu irratti yakkawwan raawwataman qorannoo bal’aan godhamee itti gaafatamummaan mirkanaa’era jedhaniiru.
Tajaajila mootummaa fi qaamoleen bulchiinsaa, akkasumas sekteroota misoomaa adda addaa keessatti yakka malaammaltummaa fi shira guguddoo sirreessuuf oppireeshinii bal’aa fi tarkaanfii seera kabachiisuu fudhatameen bu’aawwan qabatamaan galmeeffamuus himan.
Fooyya’iinsa dinagdee gooroo waliin ta’een fooyya’iinsa sana gufachiisuuf yaaduun meeshaalee bu’uuraa olkaasuun hir’ina akka uumamu fi gatiin akka dabalu taasisan abbootii qabeenyaa dhaabbilee dhiyeessitoota 13 irratti akeekkachiisni kennameera; gocha seera-alaa raawwachaa kan turan dhaabbilee daldalaa fi kuusaa 7,000 ol irratti tarkaanfiin saamsuu fudhatameera.
Dhaabbilee Faayinaansii fi Sochii Maallaqaa: Sochii maallaqaa seera-alaa, hawaalaa fi gabaa gurraacha irratti kan hirmaatan raawwattoota Itiyoophiyaa fi lammilee biyya alaa 169 seeraan itti gaafatamoo akka ta’an taasifameera. Karaa gurmaa’een baankiilee daldalaa aksiyoona maamiltootaa irratti gowwoomsuun qarshii fudhatan namoota 36 qabamaanii lakkoofsi baankii isaanii akka saamsamu taasifameera.
Sochii seeran alaaf haguuggi kan kennan appilikeeshinoonni kiriiptoo-kaarensii (cryptocurrency) 7 biyya keessatti akka hin hojjenne guutummaatti dhorkamaniiru.
Oomisha erganii sharafa alaa kan hin deebisne dhaabbilee daldalaa fi dhuunfaa 29 irratti itti gaafatamummaan seeraa mirkanaa’era.
Dhaabbilee Beetingii (Betting) fi Fiinteek (Fintech) Odeeffannoo maamilaa dhoksuun mootummaa irratti gibira kan waliin dha’an, galii isaanii kan dhoksanii fi sochii maallaqaa seeraan-alaa kan raawwatan dhaabbilee beetingii 38 irratti tarkaanfiin fudhatamee abbootiin qabeenyaa to’atamaniiru; lakkoofsi herrega baankii dhaabbilee seeraan-alaa kanneeniis uggurameera.
Seektera albuudaa Keessatti Sochii Seeraan-Alaa hojjetamu ilaalchisees yakka oomisha warqee gabaadhaan ala kontrobaandiin baasuu irratti kan hirmaatan qondaaltota mootummaa, geggeessitoota caasaa tasgabbii, oomistoota fi lammilee biyya alaa dabalatee namoonni 183 seeraan itti gaafatamoo ta’aniiru.
Yakka kana irratti kan hirmaatan lammileen biyya alaa biyyaa akka ba’an taasifameera.
Warqeen seeraan-alaa, madaallii fi baqsituun warqee, maallaqni biyyoota alaa adda addaa, akkasumas meeshaaleen waraanaa to’annoo jala oolaniiru.
Gama dhiyeessii boba’aa fi loojistiksiin, yakka Karaa seeraan-alaatiin xalayaa haguuggii qopheessuu, boba’aa dhoksuu fi qilleensa irratti gurguruu irratti kan hirmaatan geggeessitoonni mootummaa 38 seeraan itti gaafatamoo ta’aniiru.
Dabalataanis, sadarkaa biyyaalessaatti daldala boba’aa seeraan-alaa irratti kan hirmaatan namootni 650 ol, buufataalee fi dhaabbilee dhiyeessitoota irratti tarkaanfiin seeraa fudhatameera.
Bittaa Xaa’oo: Shira Bittaa Xaa’oo Qonnaan Dhaabbata keessatti walitti hidhamiinsa faayidaa uumuun xaa’oo qulqullina hin qabnee fi yeroon isaa darbe akka bitamu taasisaniin ta’e jedhanii rakkoo kan uuman geggeessitoota Ministeera Qonnaa irratti tarkaanfiin itti gaafatamummaa yakkaa fudhatameera.
Humna Elektriikaa Itiyoophiyaa (EEP): Qajeelfamni sirrii osoo hin jiraatin dhaabbilee ‘data mining’ 36 waliin waliigaltee gurgurtaa humnaa seeraa-alaa kan raawwatan geggeessitoota ol’aanoo 4 irratti tarkaanfiin fudhatameera.
Dhaabbileen fi namoonni dhuunfaan hanna humna elektriikaa raawwatanis seeraan akka gaafataman taasifameera.
Ministeera Hojiifi Ogummaa fi daddabarsa namootaa seeraan alaan: Yakka sirna hojii biyya alaa jal’isuu fi matta’aa fudhachuu irratti kan hirmaatan geggeessitoonni fi hojjettoonni ol’aanoo 8 to’annoo seeraa jala oolaniiru.
Akkasumas daddabarsa namootaa seeraan-alaa irratti kan hirmaatan dallaaltonn fi daddabarsitoonni 44 to’annoo seeraa jala ooluun, dhaabbileen hayyama seera-alaa qaban guutummaatti saamsamaniiru.
Gama Galii fi Guumruukiitiin: Murteewwan gibiraa hir’isuu, nagahee sobaa dhiyeessuu, fi sirna keessatti odeeffannoo balleessuudhaan mootummaa galii kan dhabsiisan irratti oppireeshiniin gaggeeffameera.
Lakkoofsa baankii mataa isaanii, firaa fi konkolaachistoota isaanii fayyadamuun walitti hidhamiinsa faayidaa kan uuman shakkamtoonni 109 adda baafamanii isaan keessaa namoonni 91 to’annoo seeraa jala oolaniiru.
Mootummaan malaammaltummaa fi hanna misoomaaf gufuu ta’an akka qormaata kamittuu cichoominaan irratti qabsaa’aa jiraachuus mirkaneessaniiru.
“Mootummaan hanna balleessuuf sirna ammayyaa diriirsuu fi geggeessaa naamusaan ijaarame uumuuf kutannoo qaba” kan jedhan Adde Innaataalam; gaaffii hawaasni “hanna nuuf dhaabaa” jedhee bal’inaan kaasuuf deebii kennuuf tarkaanfiin cimaan jalqabame bu’a qabeessa akka ta’uuf hawaasni malaammaltummaa saaxiluun, mirga seeraa isaa matta’aan dabarsee kennuu dhiisuu fi seeraan-aloota waliin tumsuu dhiisuudhaan mootummaa bira dhaabbatee biyya seeraan alummaa fi malaammaltummaa irraa ittisuun gahee seeraa isaa akka ba’u waamicha dhiyeessaniiru.