Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Mootummaan hojiilee misoomaa fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan hojjechaa gaaffiilee Ummatarra ka’an gochaan deebisaa jira jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Wamaamaa Olaanaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen.
Waltajjiin Marii Ummataa Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa magaalaa Boongaatti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Dooktar Tasfaayee Baljigee akka jedhanitti, Mootumaman rakkoo ummataa furuuf hojiilee dame hedduu hojjechaa turuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan qormaata kessaatti milkaa’inni galmeessaa jirtu imala badhaadhina eegalteerraa humni dhaabsisu akka hin jirre agarsiiftudha jedhan.
Sadarkaa Pireezidaantii Itti aanaa mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Saadaat Nashaa gamasaaniin, Mootummaan jijjiiramaa as bu’aalee mul’atan galmeessuu danda’uu eeruun, piroojeektiwwan guguddoo ijaaree xumuruun diinagdee biyyatti akka guddatuu taasisewra jedhan.
Gargaaramtummarraa gara oomishtummaatti ce’uuf hojiilee hojjetamaa jiraniin inisheetivoonni carraa hojii bal’aa uumuuf dandeessisan hojiirra ooluu dubbataniiru.,
Sisaay Laggasaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.