Mootummaan naannichaa diinagdee cimsuufi sirna cimaa ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira- Obbo Eeliyaas Uummataa

Finfinnee, Ebla 29, 2018 (FMC)- Mootummaan naannoo Oromiyaa diinagdee cimsuufi sirna cimaa ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan Af-yaa’ii Itti aanaan Caffee Oromiyaa obbo Eeliyaas Uummataa.

Bulchiinsa Magaalaa Walisootti Tajaajila Giddugala Tokkoo 1ffaa (MESOB) eebbifameera.

Obbo Eeliyaas Uummataa wayita kana ilaalama Paartii keenyaa keessaa inni guddaan dhala namaatiif dursa kennee hojjachuu dha jedhan.

Mootummaan diinagdee cimsuu, sirna cimaa ijaaruu akkasumas barnootaafi teeknolojii cimsuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajilli kunis tajaajila teeknooloojiin deeggarameefi si’ataa kennuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Hogganaa Itti aanaan Biiroo Paabilik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa obbo Daamxoo Gammachuu gama isaaniin, Tajaajilli Giddugala Tokkoo iddoo hojii mijataa uumurra darbee tajaajila mootummaa kanaan dura bifa bittinna’aa ta’een kennamaa ture gara iddoo tokkotti fiduun tajaajila si’ataa kennuu fi itti quufiinsa hawaasaa dabaluuf yaadamee akka hundeeffame eeraniiru.

Waggoota jijjiirramaa darban keessa rakkoo kenna tajaajilaa bu’urarraa furuun tajaajila si’ataa fi qaqqabamaa taasisuuf tarkaanfiwwaan gurguddaa fudhachaa jiraachuu kan ibsan ammo Kantiibaa magaalaa Walisoo Obbo Gammachuu Araddaati.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment