Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018(FMC) – Mootummaan qaamolee fedhii nageenyaa qaban kamiiyyuu waliin garaagartee jirurratti mari’achuuf karri isaa banaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Tigraayitti qaamoleen waraanni irra deebiin akka ka’u fedhii olaanaa qaban jiraatanis, waraanni barbadeessaa fi bu’aa kan hin qabne ta’uu isaa waan beeknuuf jalaa callifne jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf kennaniin.
Waa hunda dura kan barbaachiisu nageenya waan ta’eef, tumsaa fi waloon hojjechuu qabna jedhan.
Naannoo Tigraayitti nageenyi waaraa akka bu’uuf fedhii olaanaan jiraachuu kaasan.
Walsakaaluu fi walgufachiisuun eenyumaafuu hin fayyadu jedhan.
Ummata Tigraayiif furmaanni waaraa kan dhufu hoggantoonni ABUT dhaloota dhufuuf carraa yoo kennan qofa jechuun ibsan.
Fedhiin mootummaa Ida’amuu misoomnii fi guddinni naannolee birootti mul’atu Tigraayitti mul’ate arguudha jedhan.
Nuti hoggantoota fi miseensota paartilee fi qabsaa’oota waa’ee biyyattiif yeroo dheeraaf qabsoorra turaniif kabaja olaanaa qabna jechuun ibsan.
#Oromia #Ethiopia