Finfinnee,Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaan morkiin har’a Biraaziil Jaappaan waliin taasiftu ni eegama.
Har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee Biraaziil Jaappaan waliin taphatti.
Biyyoonni lamaan kana dura taphoota 10 waliin taphatan keessaa Biraaziil yeroo 7 yoo injifattu, Jaappaan si’a 2 injifachuun, tapha tokko ammoo qabxii qooddataniiru.
Akkasuma falmiin halkan sa’aatii 5:30 eegalee Jarmanii fi Paaraaguwaay gidduutti taasifamu ni eegama.
Biyyoonni lamaan taphoota as dhiyeenya waliin taphatan 3 keessaa yeroo tokko tokko wal injifachuun, tapha tokko ammoo qabxii qooddataniiru.
Tapha moo’anii darbuu eda eegalameen Kaanaadaan Afrikaa Kibbaa injifachuun marsaa itti aanuutti darbuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia