Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Umurii 17 gadii Waancaa Addunyaaf darbuuf har’a galgala Moozaambik waliin morkiin taasisu ni eegama.
Waancaa Addunyaa Umurii 17 gadii Kuwaatar qopheessituuf biyyoonni Afrikaa 8 darbuu kan mirkaneeffatan yoo ta’u , biyyoonni 2 har’a galgala mirkaneeffatu.
Hanga ammaatti Seenaa isaa keessatti Waancaa Addunyaaf yeroo tokkollee kan hin Itiyoophiyaa, tapha har’a Morookootti taphattuu seenaa haaraa hojjechuuf qophii gahaa taasifteerti.
Morkii har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee taasifamuun Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa Seenaa haaraa dalaguu danda’a jedhamee abdiin eegama.
Itiyoophiyaan har’a milkoofnaan Rippaablika Kooriyaa, Ikkuwaadoorii fi Niwuu Kaaledooniyaa waliin ramadamti.
#Oromia #Ethiopia