Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC)- Sosochiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa Qulqulluu marsaa 3ffaan guyyaa har’aa ifatti eegaleera.
Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Injinar Lalisee Nameen wayita kana akka jedhanitti, waggoottan lamaan darban sosochiilee taasifamaniin, hawaasa bal’aa bira gahuun danda’ameera.
Baatiiwwan sadan darban sosochii kanaan ,faalama Piilaastikaa, Keemikaalootaa fi sagalee hir’isuu irratti xiyyeeffannoon kennamuu dubbatan.
Misoomni kunneen karaa naannawaa hin faalleen hojiira ooluu akka qabu eeruun, Itiyoophiyaa Qulqulluu dhalootaaf darbarsuun barbaachiisaa ta’uu hubachiisan.
Gama biraatiin Abbaan Taayitichaa Inistitiiyuutii hubannoo namtolchee waliin ta’uun Appilikeeshinii sirna faalama naannawaa misoome gabaasa diijitaala kennuuf gargaaru ifoomseera.
Karaa appilikeeshinichaa namni kamuu faalama naannawaa akkasumas keemikaalaa fi balfaa balaafamaa wayita argu bakka jiru taa’e Viidiyoo, Suuraa fi barreeffamaan eeruu kennuuf dandeessisa.
Appilikeeshinicha ‘Appstore ykn Playstore’ irra argachuun kan danda’amuu ta’uun eerameera.
Fiqirtaa Kabbadaatu gabaase.