Naannoo Filannoo Mattuutti raabsaan meeshaalee filannoo xumuramaa jira

Finfinnee, Caamsaa 22, 2018(FMC)- Naannoo Filannoo Mattuutti raabsaan meeshaalee filannoo xumuramaa jira jedhan Qindeessitoonni Waajjira Naannoo Filannichaafi buufataalee filannoo.

Itti gaafatamaan Waaajjira Naannoo Filannoo Mattuu Naatinaa’el Mogas, Naannoo Filannichaa jala buufataaleen filannoo 73 jiraachuu eeranii, hojiin meeshaalee filannoof barbaachisan gara buufataalee filannootti raabsuu xumuramaa jira jedhan.

Raabsaa meeshaalee cinaatti buufataalee filannoo hundatti qophii iddoo sagaleen itti kennamu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Naannoo Filannichaatti qindeessaan buufata filannoo Mannaariyaa dargaggoo Naatinaa’el Dastaa gama isaan, meeshaaleen filannoof barbaachisan yeroon buufaticha qaqqabuu dubbateera.

Yeroo ammaa hojiin iddoo sagaleen itti kennamu mijeessuu xumuramaa akka jiru ibsuu TOI gabaaseera.

Qindeessaa buufata filannoo biraa kan ta’an obbo Jireenyaa Amanuus meeshaalee filannoof barbaachisan fudhachuu fi hojiin adeemsa kenniinsa sagaleef haala mijeessuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment